(Madda Oduu ABO,Hagayya 14,2009) MOAn akka gabaasanitti Zoonotaa fi Onoota Oromiyaa gara garaa keessatti dhibeen koleeraa dhalate lubbuu namoota dhibbaan lakkaa’amanii galaafataa jira.
Akka gabaasa maddeeniitti Arsii Lixaa Onoota akka Shaashamannee, Kofalee, Shaallaa, Arsii Nagallee fi kanneen biroo keessatti dhibeen kun namoota dhibbatti herregaman qabee lubbuu isaaniis baasaa jira.
Kana malees dhukkubni koleeraa kun Shawaa bahaa Onoota Fantaallee, Boset, Adaamii Tulluu, Shawaa kaabaa Ona Warra Jaarsoo, Harargee lixaa Onoota Mi’eessoo, Gubbaa Qorichaa, Ciroo fi Onoota naannootti argaman hunda keessatti daran babal’achuun namoota dhibbootaan lakkaa’aman galaafataa kan jiru oggaa ta’u, kumooti hedduun dhibichaan qabamanii hiraarfamaa jiran.
Baatii darbe qofa keessa Godina Arsii Lixaa keessaa namootni 1700 ol ta’an dhibee koleeraa kanaan kan qabaman oggaa ta’u, namootni 28 caalan ammoo dhibichaan du’aniiru. Akkasumas Onoota Ciroo, Mi’eessoo fi Gubbaa Qorichaa keessaa namootni 220 dhibichaan qabamanii 5 akka du’an burqaaleen ifa godhaniiru.
Bakkoota fageenya irra jiran keessatti dhibeen kun haalaan babal’achuu fi namootni du’aa jiranis hedduu ta’uu maddeen ifa godhanii, mootummaan wayyaanee qaamni kamuu naannoolee kana akka hin seenne dhorkuun caalaatti dhumaatii hammaataa dhaqqabsiisaa akka jiru saaxilaniiru.
Bakkoota dhibeen koleeraa itti dhalate kanatti hir’inni nyaataas waan jiruuf daa’imman umriin isaanii ganna shanii fi haadholiin hoosisan haalaan hubamaa jiraachuunis barameera.
MOA